Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

50 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

Wal ga’ii 5 Aadaa fi haala jiru Ilaaluu/to’achuu 1 Paastar Loreenzoo Elizoondoo

Biyya lafaa/addunyaa gosa garaa garaa fi yeroo hundumaa jijjiiramu keessa jiraanna. Haalli dhala namaa magaalota addunyaa keenyaa waggoota dhiyoo asitti haala safiisaan jijjiirameera. Ummanni addunyaa harki caalaan magaalota gurguddoo addunyaa kan keessa jiraachuu filachuun caalaatti addunyaa magaalaan guutamte uumeera. Jijjiiramni fi guddinni baay’ina ummataa kun namoota, sabaa fi seenaa adda addaa bal’aa ta’e uumuu qofa utuu hin ta’in aadaa adda addaa bal’aa ta’es uumeera. “Garaagarummaa” bara ammayyaa keenya keessatti mallattoo ta’ee jira, akkasumas namoonni baay’een garaagarummaa namootaa fi aadaa hubachuun barbaachisaa ta’uu isaa kan amanan yommuu ta’u, aadaa ibsuu ykn maal akka ta’e ibsuu kan danda’an muraasa. Waldaan namoota (sabaaf sablamoota) fi bakka Waaqayyo ishee waametti wangeela bu’a qabeessa ta’een agarsiisuu fi labsuuf, nuti ogummaan haala aadaa hubachuun barbaachisaa dha. I. Aadaan Maal? A. Dr. Deevis aadaa akkas jechuun ibsa: “Aadaan akkaataa amalaafi ilaalcha addunyaa walitti makame, haala gaariin hundeeffamee fi hawaasaan ibsame fi , hubannoo, miiraa fi madaallii ibsa isaa irratti dhiibbaa kan geessisu dha.” Salphaatti yoo ilaalle aadaan akkaataa fi amala baratame kan dudhaalee fi ilaalcha addunyaa keenya bocani fi akkaataa jireenyaa hawaasa tokkoo kan uumani dha.

1 Seminaarri kun yaad-rimeewwan seminaarichaa “The Difference That Diference Makes” isa Ripe for Harvest keessa jiru , fuula . 139-153 kan fudhatame.

Made with FlippingBook Ebook Creator