Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Kutaa 2: Eegaluu fi walitti qabuu • 51
B. Akkaataa fi amala barataman kun eessaa dhufu, akkamitti guddatu? Dr. Deevis aadaan kallattii sadiin ibsamuu akka qabu ibsu. 1. Kallattiin beekmsi sammuu(cognitive dimension) wanta aadaan beekuu fi akka sirrii fi dhugaa ta’etti ilaalama. Halli beekumsa sammuu kan bocamu: 2. Kallattiin miira jalaala(affective dimension) Dimshaashumatti miira jabaa fi ibsa miiraa aadaan tokko maal keessatti bareedina akka argatuu fi akkasumas maal akka hin jaalanne kan agarsiisu dha. 3. Kallatti Madaallii (evaluative dimension) – Duudhaalee aadaan tokko hariiroo dhala namaa safuu fi safuu kan hin qabne ta’uu isaa ittiin murteessu (Madaallii sirrii fi dogoggoraa). C. Dhumarratti aadaan waa’ee duudhaa ti. Aadaa hubachuuf namootaaf maal akka barbaachisaa ta’ee fi maaliif wantoota sanaaf gatii akka kennan hubachuu qabna. Garee namootaa tokkoof wanti baay’ee barbaachisaa ta’e maal iyyuu yoo ta’e, wanti isaan jaallatan, kabajan, miidhaa irraaittisan, jiraataniifi du’an, hiika isaatiin aadaa isaa in ibsa, in uuma II. Garaagarummaa Aadaa Hubachuu Aadaa kallatti karra hundumaan ilaluuf aadaan maal akka ta’e hubachuu qofa utuu hin ta’in garaagarummaa aadaa hubachuu qabna. A. Garaagarummaan gaarii dha sababiin isaa Waaqayyo adda adda godhee nu uume, Hojii Ergamootaa 17. B. Garaagarummaan aadaa (namoota) gidduu jiru dhugaa fi barbaachisa dha.
Made with FlippingBook Ebook Creator