Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

52 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

C. Garaagarummaa aadaa keenyaa xiqqeessuun ykn garaagarummaa adaa keenyaa tuffachuun wangeela irratti miidhaa geessisuu danda’a. III. Aadaa Kiristaanummaa Adda ta’e hundeessuu Garuu kiristaanaaf, warra Yesus Kiristoosiin waan hundumaa caalaa jaallatanii fi iddoo guddaa kennaniif aadaan galma ga’iinsa namaatiin kan ibsamu miti. Kanaa mannaa jechoota salphaa sadiitiin ibsama, Yesus Gooftaa dha. Waldaan sababa addaa ta’uu/le’uu(being) mataa isheetii qabdi innis jechoota salphaa sadan sana keessatti kan argamu fi dhugaa le’uu/ jireeynaa aadaa kiristaanummaa adda ta’e ibsu, guddisu fi geggeesu uumu dha. A. Waan hundumaa dura aadaan kiristaanaa biyya lafaa irraa adda, sababiin isaa aadaan kiristaanaa uumamaan uumamaa ol waan ta’eef. B. Lammaffaa, dhugaan Yesus Gooftaa ta’uun isaa waldaa ibsu qofa utuu hin ta’in, waldaa guddisa. Waldaan kiristaanaa ofii isheetiin waan hin uumamneef ofii isheetiif waan hin jiraannef aadaa kiristaanaa adda ta’e qabdi. C. Dhuma irrattis dhugaan Yesus Gooftaa ta’uu isaa waldaa ni geggeessa/oofaa. Waldaan – sabni Waaqayyoo furaman – haala hundeeffama siyaasaa, sabaa, ilaalcha dinagdee hawaasa, fi ilaalacha saalaa hunda irraa ol hindarbiti. Ofii isaatii fi ofuma isaatiin waan caalu ykn ol’aanaa ta’eef

utuu hin ta’in, aangoo fi gahaa ta’uu Caaffata Qulqullaa’ootiif adda ta’ee bitamuu isheetiin.

Made with FlippingBook Ebook Creator