Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
54 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
Wal ga’ii 6 Wangeela Lallabuu fi Hordoffii 1
Akkuma wal ga’ii/seminaarota darban keessatti ibsame, sadarkaa Qophaa’uu waldaa dhaabuu keessatti mul’ata waldaa dhaabuu hordofuuf isin gargaaran garee kiristaana amanamoo qabaachuu/ guddifachuu isin barbaachisa. Yeroo gara sadarkaa Jalqabuu fi Walitti qabuu waldaa dhaabuutti ceenu garuu amantoota waldoota biroo fi hariiroo waldaa biroo wajjin qabdan irraa kaatanii waldaa keessan guddisuuf amantoota filuudhaan waldaa keessaniitti akka makaman gochuu irraa fagaachuu qabdu. Kiristaanota miseensa waldaa fayya qabeessa ta’e ta’uu fi tajaajiluu barbaadan simachuun badii ta’ee tokko hin qabu. Kana gochuun guddina waldaa isa dhugaata’ee wajjin mormii hin qabdu. Waldootiin kiristaanaa kan jiraaatan warra badan (warra hin amanne) gara amantii fayyisuu Gooftaa Yesusitti akka dhufan gargaaruuf. Kanaaf lallaba wangeelaa fi amantoota haaraa maatii Waaqayyoo keessatti hammachuun guddinaa fi bu’a qabeessummaa kan ittiin madaalluu ta’uu qaba. Kiristaanonni baay’een lallaba wangeelaa wajjin walqabatee sodaa baay’ee yommu qabanitti, garee keessanii fi miseensonni waldaa amala lallaba wangeelaa fi akkaataa amantii isaanii namoota biroof qooddan akka hubatan gargaaruun waldaa dhaabuu keessatti hunda caalaa barbaachisaa dha. Tokkoon tokkoon haala lallabi wangeela keessatti geggeeffamu warra wangeela lallabaniif qormaata adda ta’e mataa isaatii qaba. haalonni armaan gadii jiran kun lamaan isaanii iyyuu maqaa balleessii wangeelaa lallabuu wajjin walqabatee jiru balleessuuf akkasumas amantoota haaraa waldaa keessan keessatti hammachuudhaaf mala/tooftaa akka uumtan isin qopheessuuf kan dhiyaate dha.
1 Seminaara Luba Dr. Doon L. Deevis Ripe for Harvest , fuula 242-247 irraa kan fudhatame.
Made with FlippingBook Ebook Creator