Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 2: Eegaluu fi walitti qabuu • 55

I. Lallaba Wangeelaa – Haala Oikos jedhamuun beekamu A. Haala Oikos : dhugaa ba’umsa lallaba wangeelaa ta’aa jiru keessatti amala hawaasummaa adda baasuuf barbaachisa dha/giddugaleessaa

Yeroo baay’ee maatiin tokko dhiirota, dubartoota gaa’ela godhatan, ijoollee durbaa hin heerumne, garboota saala lamaanii, namoota lammummaa hin qabnee fi ‘namoota biyya alaa jiraatan’ ykn hojjettoota biyya alaa jiraatan dabalatee dhaloota afur kan of keessaa qaata.

~ Haans Waaltar Wolf. Walitti qabama Kakuu Moofaa.

Wangeelli seeneffama Kakuu Moofaa keenya keessatti karaa fi gara namoota adda addaa mana isaan jiraatan keessa akka dhufuu ibsameera, (cf. Maarqos 5:19; Luqaas 19:9; Yoh. 4:53; Yohaannis 1;41-45, kkf.). Fakkeenyi Qorneelewos dhimma ijoodha, Hojii Ergamootaa 10-11. 1. Bal’ina toora hariiroo uumamaa, namummaa keenya. a. Walitti dhufeenya/hariiroo firummaa waliigalaa (maatii dhiyoo, bal’aa fi guddifachaa). b. Hiriyummaa waloo (hiriyoota, namoota ollaa, fedhii addaa) c. Namoota haala tokko tokkoon hiriyaa ta’an. (hariiroo bakka hojiitti uumamau, fedhii addaa irrati, bashannana, gamtaa sabaa ykn aadaa, amanamummaa biyyaa). 2. Maaliif lallabni wangeelaa oikos (maatii /manaa keessaa ( namoota haala adda addaatiin walitti dhufeenya qaban )) karaa toora hariiroo bu’a qabeessa akka ta’e.

Made with FlippingBook Ebook Creator