Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Gilgaala garee: Eegaluu fi walitti Qabuu • 65

Gilgaala 6 Haalaa fi Aadaa Barbaaduu/Sakata’uu

Gareen kee aadaa fi haala hawaasa filatte keessa deemanii barbaachuuf tooftaa fi karoora baasuu qaba.

Gaafilee Mareef ta’an 1. Kiristaanonni aadaa adda addaa hubachuu fi waliin hojjechuun maaliif barbaachisaa ta’e? 2. Garaagarummaa aadaa namoota naannoo kee jiran caalaatti hubachuu fi dinqisiifachuuf akka waldaa tokkootti maal goota? 3. Bakka waldaa dhaabdanitti, hawaasni afaanii fi karaa isaaniif galuun caalaatti wangeela hubachuu akka danda’aanif karaa garaagaraatiin wangeela akka haala hawaasa sanaatti (contextualize) akkamitti lallabuu dandeessu? 4. Wangeela akka haala keessa jirtuutti karaa bu’a qabeessa ta’een agarsiisuu fi labsuuf gufuulee garaagarummaa aadaa irraan kan ka’e dhufan kan ittiin keessa dabartu maali? 5. Dhugaan Yesus Gooftaa ta’uu isaa waldaa keessan akkamitti qajeelchas dhiibbaas qabaata? 6. Dhugaan jiru kun karaa kamiin waldaa keessan ibsuu, geggeessuu, guddisuu danda’a? 7. Fakkeenya Yesus namoota kaan biroo qaqabuuf/bira ga’uf gufuulee gargraagarummaa aadaa mo’uu irratti argisiise irraa maal barachuu dandeessa? 8. Akka waldaa tokkootti jaalala Yesus namoota biroof qooduuf hangam fedhii qabdu?

Made with FlippingBook Ebook Creator