Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

8 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

AANGESSAA Ce’umsa: Waldatti Baay’isaa Qajeelfama: Geggeesitota waldaa ishee guddoo jalatti waldaa kan biroo dhaabuu ykn garee erguu bakka bu’an qopheessaa. • Tarsiimoo baay’isuu guddisaa. • Waldootii magaalaa keessaa kan biroo wajjin, tokkummaa, wal gargaaru fi ergama wangeelaa tokkummaa qabaadha. Waldaa Kiristaanaa Dhaabuuf, Qajeelfamoota Kudhan 5 1. Yesus Gooftaa dha. (Maat. 9:37-38) Taateen waldaa kiristaanaa dhaabuu hundinuu ilaalcha eeggannoo fi humna Gooftaa Yesus, isuma Gooftaa makarichaa jalatti raawwatama. 2. Namoota wangeelaan qaqqabuuf, namoota wangeelli bira hin gaa’amnetti wangeela labsaa, hidhachiisaa, aanggessaa (1Tasalo. 1:6-80). Galmi keenya namoota kan biroo gara Yesustti fiduuf jijjiirama qofa utuu hin ta’in, karaa hundumaan akka baay’atanif malee; Warri wangeelaan qaqqabaman warra wangeelli bira hin gaa’amne akka qaqqabanif leenjifamu qabu. 3. hundumaa kan hammate/dabalate ta’aa. Enyu ille dhufuu danda’aa. (Room. 10:12) Tarsiimoon kam iyyuu nama tokko ykn garee tokko amantiidhaan karaa Yesus gara mootummaa Waaqayyootti akka hin gallee dhorku hin jiru. 4. Aadaa kam irraa iyyuu bilisa ta’aa: Akkuma eenyummaa keessaniitti kottaa. (Qol. 3:11) Wangeellii gara Yesus dhufuu warra barbaadan akka sababaatti aadaa isaanii akka jijjiiratan isaan irraa hin eegu; akka eenyummaa isaaniitti dhufuu in danda’u. 5. Ilaalacha daangaa’ame irraa of fageessaa. (Hijii Ergamootaa 1:8) Galmi ergama wangeelaa hawaasaa hin fayyine gidduutti gamoo hin qaqqabmne ijaarachuu utuu hin ta’in, dhaabbata

5 Mere Missions , Wichita: Mana maxxanssaa TUMI 2022. Fuula 234-236.

Made with FlippingBook Ebook Creator