Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Kutaa 3: Kunuunsuu fi Ce’umsa • 81
Wal ga’ii 9 Baay’isuuf karaa uumuu Luba. Teed Ismiiz
Baay’isuuf Karaa Uumuu Waldaa keessan isa jalqabaa DHAABUUF utuma wal’ansoo irra jirtanii waa’ee baay’isuu yaaduun rakkisaa ta’uu akka danda’u beekna. Haa ta’u iyyuu malee, akkuma Macaafa Qulquluun ibsu, wanti adeemsa fayya qabeessa qauu in guddata. 1 Yesus gareen duuka buutota xiqqaan kutaa ol aanaa keessatti walitti qabaman (HoE 1:13) karaa wangeela biyya lafaa akka jijjiiran huatee/ yaadee ture. Akkuma beejamu, dhuguma geggeessitoota waldaa kiristaanaa durii kan akka Phaawulosii fi warra isaa wajjin turan ilaalchisee, “biyya lafaa (kan isaanii) jijjiiraniiru” (HoE 17:6) jedhameera. Ajajni wangeelaa addunyaa hundii barreeffamoota/ kutaalee ergama gurguddoo wangeelaa hunda keessatti Gooftaan keenya ifa godheera (Maat. 28:18-10, fakkeenyaaf). Waldaa keessan isa jalqabaa dhaabuu keessatti gareen keessan gaaffii bu’uuraa/ijoo “Baay’isuun akkamitti?” jedhuuf deebii kenuu keessatti ilaalchaa fi wal’aansoo barbaachisaa ta’ee gochuu qaba. Kutaa kana keessatti, gareen keessan waldaa keessan isa jalqabaa dhaabuu keessan dura illee daandii addaa hormaataatti geessu akka adda baasan jajjabeessuuf galma qabannee fakkeenyota/ moodeelota akaataa baay’isuu(multiplication) muraasa qoranna. Fakkeenyonni/Moodeelonni asitti mari’ataman hundi, fi moodeelonni akaataa baay’isuu biroon, akaataa baay’isuu sanyii(DNA) waldaa isaanii keessatti guddisuuf garee waldaa dhaabuu irraa itti yaadanii hojjechuu barbaadu. Baay’isuun darbee darbee akka tasaa akka ta’e hubatamuu qaba. Yaada diinaa nama jeequ caalaa, adeemsa baay’isuu keessatti
1 Kutaa Macaafa Qulqulluu kan akka Mar. 4:26-32 fi 1 Qoro. 3:6 ilaalaa.
Made with FlippingBook Ebook Creator