Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
82 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
gufuuwwan hedduun garee kee dura dhaabbatu. Adeemsa baay’isuu keessatti gufuu ijoon tokko, yeroo fi xiyyeeffannoo gareen kee yaada baay’isuuf kennu ykn kennuu dhiisuu filatu dha. Ifa ta’uuf, waldaa dhaabuun karaa hundaan dhaabbata dadhabii guddaa qabuu dha. Gareen waldaa dhaabuu adeemsa Baaay’isuu keessatti, baay’isuu akka seera bu’uuraatti eeguun hojii harka isaanii jiru irratti xiyyeeffachuu danda’uu isaan barbaachisa. Baay’isuun sammuu garee kanaa keessatti adda duree ta’ee akka turu gochuu dhiisuun/dhabuun qormaata hedduu fida. Gareen dhaabbii waldaa, waldaa tokko dhaabuu qofa irratti kan xiyyeeffatan yeroon baay’isuu/baay’achuu yommuu ga’u waldaa sana gara hoggansa tiksee dhaloota itti aanutti ce’uun in ulfaata. Xiyyeeffannoo malee gara baay’isuutti adeemsi godhamu garee dhaabbii waldaa yaaddoo miseensota guddisuuf yeroo baay’ee ittti dadhaban dhabuu jedhu keessa galcha. Kana gochuun bu’a qabeessummaa fi dandeettii waldaa haaraa dhaabamte irraa hir’isuu waan danda’uuf geggeessitoota isaanii baay’ee gaarii ta’an waldoota biroo dhaabuuf erguu diduu danda’u. Kun yeroo baayyee waldoonni waldaa kan biraa dhaabuu irraa gara boodeetti akka deei’an gochuu danda’a. Dhugaa dha, xiyyeeffannoo waldaa yaada waldaa tokkoo irratti xiyyeeffatee fi maxxane, gonkumaa iddoo fi yeroo barbaachisu; kadhachuuf, karoorfachuuf, fi qormaata sochii waldaa dhaabuu isaanii guddisuuf rakkoo waldaa tokko geggeessuu ilaalcha keessa galchuun gonkumaa furmaata hin argatu. Kana hunda jechuun kan barbaachise, gareen waldaa dhabuu tokko baay’isuu giddu galeessa yaada garaa isaanii akka ta’uuf ciminaan hojjechuu qabu. Moodeelota adda addaa armaan gaditti dhiyeessina, akkuma beeknu moodeelli tokko qofaan haala hundaaf mijachuu hin danda’u. Waan hundumaa keessatti, akka haala jiruutti(contextualization) socho’uun murteessaa dha. Kana jechuun, waldoonni hundinuu moodeela/fakkeenya kam iyyuu
Made with FlippingBook Ebook Creator