Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
84 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
II. Waldaa Ergitan Ta’a: Guddisiiti Garee Waldaa Dhaabuu Ergi Moodeela kana keessatti gareen dhaabuu waldaa isaaan dhaaban, waldaa mul’ata erguu qabdu dha. Jalqabuma irraa kaasee waldaan kun gareewwan waldaa dhaabuu, waldaa dhaabame irraa, kanneen waldoota isaan jalatti dhaaban kaasuun erguuf yaadamee ijaaramti. Ibsi waldaa dhaabamte maal iyyuu yoo ta’e, waldoonni hundinuu waldoota erguu qabu (Hojii Ergamootaa 13:1-3) geggeessitoota isaanii baay’ee gaarii ta’an gadhiisuudhaan waldoota haaraa dhaqanii DHAABUUdhaan Mootummaa Waaqayyoo haala isaanii keessatti tarkaanfachiisuuf. Gareen waldaa dhaabuu isin erguuf yaaddan qophii sirnaa waldaa isaanii dhaabuu keessatti Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu galanii akka barataniif jabeesinee isin gorsina. Garee waldaa dhaabuu keessan gara fuula duraati Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu duraa ta’a kutaa barnootan (Dean) waraqa ragaa qabuun qaamaan ykn toora interneetiitiin geggeeffamu erguu akka dandeessan beekama dha. Haa ta’u malee, carraaqqii baay’isuu cimaa gareewwan hedduu ergitan hordofuu yoo yaaddan, akka “Sochii Dhaabbii Waldaa Uumuu” (“Create a Church Planting Movement”) kan marii kana keessatti dhuma irratti godhaman keessatti ibsametti, michuu Warld Impaakt (World Impact) ta’uu fi Mana Barumsaa MAcaafa Qulqulluu keenya haala kee keessatti geggeessuu kadhataan yaadachuu dandeessu. III. Neetworkii Dhaabbii Waldaa Biroo wajjin Wal tumsaa Neetworkiin waldaa dhaabuu kanneen waldaa dhaabuuf fedhii qaban baay’een, walta’iinsa garee waldaa dhaabanii wajjin waan jiraniif, keessumaa kanneen naannoo magaalaa keessatti dhaabuu barbaadan, naannoo keessanitti neetworkii/toora waldaa dhaabuu baay’ee waliin tumsuu
Made with FlippingBook Ebook Creator