Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 3: Kunuunsuu fi Ce’umsa • 85

qorachuun isin barbaachisuu danda’a. Isinii fi gareen keessan neetworkii/toora waldaa dhabuu isa kamtu haala fi mul’ata baay’ina keessan wajjin akka walsimu kadhataan adda baasuu akka qabdan beekama dha. Kun hojii Mootummaa Waaqayyoo waan ta’eef, toora waldaa dhaabuu kam iyyuu garaa yaada wal fakkaataa qabu waliin tumsa gochuuf filannoowwan keessan akka qorattan isin jajjabeessina. IV. Sochii Waldaa Dhaabuu Uumaa Neetworkiin waldaa dhaabuu kanneen waldaa dhaabuu wajjin tumsuuf fedhii qaban hedduun jiraatanis, gareewwan waldaa dhaabuu tokko tokko warri/gareen Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu baratan, waldaa tokko qofaa dhaabuuf moodeela qopheessuu utuu hin ta’in ilaalcha sochii waldaa dhaabuu haaraa qopheessuu qabaachuun kana godhu. Yoo kun fedhii keessan ta’e, Warld Impaaktiin (World Impact) leenjii (Evangel School – Dean Training) jedhamuun beekamun qophaa’e, Manneen Barumsaa Macaafa Qulqulluu keenya haala isaanii keessatti gara sochii waldaa haaraa guddisuutti hidhachiisuuf, ajajuu fi waraqaa ragaa akka kennu hubadhaa. Waa’ee World Impact’s Evangel Dean Training odeeffannoo dabalataa yoo barbaaddan, Leenjisaa Wangeelaa keessan odeeffannoo dabalataa gaafadhaa, isaanis carraa kana adda baasuudhaan karaa isinitti agarsiisu. Sochiin ta’aa jiran akka salphaatti yoo adeeman, dhuga qabeessaa yoo ta’aani fi yeroo baay’ee namoota yaada garaa fi mul’ata wal fakkaataa qabaniin ofumaan kan mul’atu waan ta’eef, waa’ee sochii tokko guddisuu dubbachuuf dirqamni itti dhaga’amuu danda’a. Haa ta’u iyyuu malee, keessumaa waldaan hanga handaara lafaatti akka babal’attu yaada garaa Gooftaa ilaalcha keessa galchuun, tarsiimoodhaan yaaduu fi karoora gara sochii waldaa dhaabuu jalqabuutti mataa ol qabachuun dogoggora hin qabaatu. Karaa biraatiin, sochiin

Made with FlippingBook Ebook Creator