Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

xvi • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

Naannoo Kirstods hin beekanetti waldaa dhaabuun waamicha kana of keessaa qaba, namini hundinu carraa wangeela kana argachuu isaanii mirkaneefachu. Karaa waldaa, amantota haaraan amantiitti akka guddatanif hawaasa jalqaba hundeesuuf duuka buutummaa fi cuuphaan jiraachuu danda’u,

Waldaa Dhaabuun Waldaan Amantootaa Bakka buutuu fi iddoo itti Mootumaan Waaqayyoo argamu akka taate beekkamtti kenna

Seenaan Macaafa Qulqulluu ijoo dubbi seera Mootummaa Waaqayyoo lafa irratti bala’achuu isaa, kakuu Abrahaamif galamee irraa kaasee sabni lafa irraa hundinuu karaa isaa akka eebbifaman( Seera Uumamaa 12:1-3) amma mul’ata Macaafa Mul’ata Yohannis keessatti, sabaa, gosa, namoota, fi afaan Waaqayyoo teessoo isaa irratti waaqaeesanif (Mul. 7:9-10. Waldaa dhaabuun gocha ergamtummaa ibsa qabataamann baballisuu mootummaa kana qabatamaan ibsu dha. Namoota garee haaraa naannoo haaraa keessa jiraatan(wakiilota/ gidduutti waldaa amantootaa bakka Kirstos itti beekamu fi ulfina argatu dhaabuun bulchiinsi fi olaantummaa Waaqayyyoo fi bakka olaantummaan sun itti agarsiifammu fi labsamu dha. Waldaa Dhaabuun, Jaalala Waaaqayyo Namoota Sichi Amananiif Qabu Qabatamann Agarsiisuu Bakka Bu’a Ergaa guddaan Kakuu Haaraa, gaarummaa jaalala Waaqayyo isa hndumma danda’uu biyya lafaaf kara ilma isaa Yesus Kirstos agarsiise dha. Yohannis 3:16 ergaa jabaa kana jaalala Waaqayyoo isa ilma isaa namoota hundumaaf dabarsee kenneen labsuudhaan cimsee goolaba Waaldaa dhaabuun gocha jaala kana qabatamaan mul’isuu, namoota naannoo, nama dhuunfaa fi garee kennaan kun bura ga’uu wajjin wal quunnamuu, dha . Bakki kam iyyuu wangeelaaf baay’ee fagoo, adda ykn dadhabsiisaa miti; bakki hundinuu kam iyyuu akeeka Waaqayyoo kaayyoo isaa bara baraa ambaa ilmaan namaa

Made with FlippingBook Ebook Creator